‘’UNEnable’’ Hiikkaa Afaan Oromoo November 2015 akka lakkoofsa auroopa Yaadachiisa: yaalii Ahmed Yesuf odeefanoo Baruu ‘UN enable’ afan oromotti hiikuf godhannif nidinqisiifana. ITTI HINGAAFATAMNU: hiikaan armann gaditti dhihaate kun tolaan ragaadhaaf qofa kan qophaa’ee. Kana jachuun garuu dhabbatni mootummoota waltahannii oomisha, tajaajila yokiin yaada dhaaba tokkoo yookin dhunfaaf beekumsa kennuu mittii. Ddhaabatni mootumoota wlatahanii dogogorra seeraafi, qabiyee yaadotaaffi baruulee kanaaf itti gaafatamummaa hinfudhatu. Barruun odeefanoo mootummoota waltahanii ‘’UN Enable’’ kan qophaa’u mana marii mootummoota waltahaniiti bereessa mirga qaama miidhamtootaatiiniiffi, hirmaanaa qaammoolee UN(mootumoota waltahanii) kan biroo, qaamoolee dhunfaa, fi jaarmayaalee qaama miidhamtootatiini. Odeefanoon kun websitii kanaan arkachuun ni danda,ama. www.un.org/disabilities Oddeefanoon marsaa kana: - Sadarkaa koonvenshiniin mirga qaama miidhamtoota irra jiru - Odeefanoo waajira muumicha mootumoota waltahanii - Guyaa qaama miidhamtoota adugnaa (baruu addaa) - Odeefanno qaamoota adda adda mootummoota waltahannii - Sagantaale fuulduraa - Oddulee biroo Sadarkaa koonvenshiniin mirga qaama miidhamtoota irra jiru; Biyooni 160 Konvensionicha mirkaneessani, biyooni 160 Konventionicha mallatteessan(Sawaatomeefii prinsipeen jia kana keessa mirkaneesite) Biyooni 88 protocollii Konvensionichaa (mirga ol’iyyannoo kan off keessa qabu) mirkaneessanii biyyoono 92 mirga oliyyannoo Konvenstionichaa mallatteessan (OP) Walgahii Waliigalaa Hojiirra oolmaya konvenshinichaatiif caraa gaarii Torbe dabre koreen sadaffa walgahii waliigalaa resolushinii (A/C.3/70/L.25) dabarse. Resolushiniin kun ayaana wagaa kurnaffa konvenshinichaa dhufuun walqabatee hojiirraa oolmaya konvenshinichatiif caraa gaarii uuma jedhamee yaadama. Resolushiniin kun mootumooni qaama miidhamummaa hojirraa oolmaa sagantaa gudina itti fufinsa qabuu keessatti akka hirmaachisan gaafata. Akkasumas raga bifa bifaan qoodudhaan hojirra oolmaya sagantaa guddina ittiofufinsa qabu qaama miidhamtootatif bu’aa qabu akka hordofan gaafata. 1 Resolushiniin ka’umsaa kun durata’aa koree qaama miidhamtummaa fi repoortara mirga qaama miidhamtoota mariifii hasaa manamarii waliigalaa waliin akka taasisu ni’afeera. (www.un.org/disabilities/documents/gadocs/a_c.3_70_1.25.pdf) Guddina jireegna hawaasuma namoota albino jajjabeessu Torbee dabre koreen sadaffaa mootumoota waltahanii gudina hawaasaa, tola,ooltumaafii qaama miidhamtumaaraatti mari,ataa ture ajendaa 28 jalatti resolushinii albiinoo dabarsudhaan xumurame. Resolushinichii haala namooni albinoon qabaman keessa jiran ilalchisee soda qabu ibsee barbaachisumma hirmaanaa misoomma kessatti qaban cimsuu akka furmaatatti jala sarare. Konvenshinii mirga qaama miidhamtoottatiiffi labsiiwan mirga namoomma biro tuqudhaan mootumooni mirga jireegnaa, namumaa, barumsaa, hojiifii fayaa namoota albinoon miidhamanii akka kabjsiisan gaafata. Akkasumas bareessan mootumoota waltahanii rakina namoota albinoon qabamaniiffi furmaata isaa walgahii waliigalaa lamaffaa bara 2017 keessa gageefamu irratti akka dhiheessu gaafata. (http;//www.un.org/disabilities/documents/gadocs/a_c.3_70_1.14.rev.1.pdf) Tarkaanfii Biyooni miseensa mootumootta waltahanii jaarmaya ‘’ UN’’ dhaqabamaafi, hamataa godhuuf Xummura walgahii isaanirratti koree sadaffa mootumootta waltahanii dhaqabamaa godhuuf ajenda 72 jalatti resolushinii baasan. Resolushiniin mogaassa ‘’ hojiirra oolmaya dhaqabamummaa mootumootta waltahanii qaamma miidhamtotatiif’’ jedhu kun durataa’aan mootumoota waltahanii mootumoota waltahanii dhaqabamaa godhuuf , iddoo hojii hamanaa human namaa, dhiheessa teknologii walqunamtii leenjiiwaniiffi hubanoo hojatoota irratti akka hojatu gaafata. Akkasumas konvenshinichii gabaasa waligalaa haala dhaqabamumaaffi hammanaa dhabatichaa akka dhihaatu gaafata. (http;//www.un.org/disabilities/documents/gadocs/a_c.3_70_1.56.pdf) 2 GUYYAA QAAMA MIIDHAMTOOTA ADUGNAA DECEMBER 3 A.L.A Guyaa Qaama miidhamtoota adugna kabajaa Guyyaan qaamma miidhamtoota addugna bara 2015 dhaadanoo ‘’ Hammannaan bu’aa qaba’’ ‘’ haala mijaawa namoota dandeetti kammiiyuutiif’’ jedhuun garaagarumma xiqeesuffi gufuuwan hirmanaa baleessee hirmaaana qaamna miidhamtooni hawaasa keessatti qabu dabalu kaayefate kabajama. Dhaadanoowan xixiqoon IDPD 2015 1. ‘’Magaaloota dhaqabamoofi kan hunda hammatan godhu’’ 2. ‘’Ragallee fooya’aa qaamma miidhamtummaa irratti’’ 3. Nammoota qaamma midhamumaan issaanii hinmul’anne hawaasa keessatti hammattu. Guyyaan qaamma miidhamtoota addugna bara 1992 irra jalqabee hubanoo qaama midhamummaa fooyessuufii gargaarsa barbaachissu kaayoo qaamma miidhamtootatiif walitti sasaabu kaayeefattee kabajammaa jirra. (www.un.org/disabilities/default.asp?id=1637) Sagantaalee guyaan qaamma miidhamtoota adugnaa waajira muumichaati itti Ajendaa guddina ittifufinsa qabuu bara 2030 fulbaana dabree baheen walqabatee guyaan qaama miidhamtoota bara kanaa dhaadanoo‘’ Hammannaan bu’aa qaba’’ ‘’ haala mijaawa namoota dandeetti kammiiyuutiif’’ jedhuu mirgaaffii hawii qaama miidhamtoota giddu gala ajenda gudina adugnaa godhuuf kan kaayeefate. Sagantaan waajira muumichatti gageefamu kun DESAdhaan qaamoota mootumoota waltahanii biro, qaamootta misoomaafii jarmayaalee qaama miidhamtoota waliin tahudhaan qophaa’a. Gabaasaleen adda addaa kan dhihaatan yemu tahu Sagantaa baninsaatti aanee mariin paanaalii ajendaalee sadii(magalee hamatoofi dhaqabamoo, qaama miidhamummaa hinmul’ane fi raga qaama miidhamtumaa) irratti nigageefama. Sagantaan sirbaa, festivaali filmiifi egzibishiniini photo qophaa’aniiru. (www.un.org/disabilities/default.asp?id=1637#unhq) Sagantaalee guyaan qaamma miidhamtoota adugnaa waajiralee mootumoota waltahaniifii biyootta adda addaatti Biyooni adda addaa, mootumoonifii waajiraleen mootumoota waltahanii, fi qaamoleen adda addaa qaama miidhamtoota dabalatee adugnaa guuturrati guyyaa qaamma miidhamtootta sagantaa adda addaatiin nikabaju. Waajiri mootumoota waltahanni kan ‘’Genevatti’’ guyaa kana ‘’ guyyaa hundaa’’ jedhuun kabajamu yemu tahu sagantaleen adda addaa kan qaamootta adda addaa hirmaachisan qophaa’aniiru. ‘’UN Women’’ guyaa kana hawaniifii daa’iman irratti 3 xiyeefachudhaan barbaachisummaa raga saalaan qoodamee jajabeesudhaaf waadaa galudhaan kabaja. http;//www.un.org/disabilities/default.asp?id+1637#aroundtheworld. Odeefanno qaamoota mootummoota waltahannii OHCHR – Keewata 24 irratti gabaasni akka dhihaatu gaafate Koreen konveeshinii mirga qaama miidhamtootta keewatta 24ffaa barnootta ilaalatu irraatti namooni fedhii qaban yaadaa isaanii baruu fuula 5 hincaalee afan hojii mootumoota waltahaniin hamma (January 2016) akka ergan gaafate. http://www.ohchr.org/EN/HRBodies/CRPD/pages/GCRightEducation.aspx) ESCAP – 2015 rakoolee ‘’IT’’ dargagoofi qaama miidhamtootaa Eeshiyaafii pasifikiif Rakoolee ‘IT’ dargagootaafii qaama miidhamtootaa Eeshiyaafii Pasifikii jaakartaatti qaamootta adda addaa hirmachisuudhaan (October 26/2015) jakartaatti kabajame. Sagantaan ministra sabqunamtii fi teknoloojii indoneshiyaatiin qophaa’e kun dargagoota 100 ol, bakkabu’oota mootummaa 62 tahan kan hirmaachise yemutahu, dorgommii ‘IT’ gageesse namootni moohan badhaafamaniiru. Sagantaan fakaataan itti aannus bara 2016 chaainaatti akka gageefamu ibsamee. (http://www.unescap.org/announcement/2015-global-itchallenge-youth-disabilies-asia-and-pacific) UN Women -2016 waggaa hirmaana hawaniifi shamaranii Barri 2016 bara wagaa kurnafaa konenshinitii qaama miidhamtootaatiiffi bara wagaa 25 konvenshini mirga dubartootaatti. Akasumas bara koreen konvenshinii yaadawan furmaata hawan qaama miidhamtoota irratti ittidabarsu. Haali kun konvenshinii lammeen gidutti walitti dhufeegnaafii qindoomina fiduuf caraa garii uumma. http://www.un.org/disabilities/documents/publication/UNWCW%20MANUAL.pdf. 4 ILO - maxansa hojii kabajamaa qaama miidhamtootaaf Maxansii mersaa kanaa ILO baase ‘’’ hojii kabajaa qabu qaama miidhamtootaaf – sagantaa gudina adugnaa keessatti jajjabeessu’’ kan mogaaffame adeemsa biyoonni adugnaa qaama miidhamtootta hojii irraatti hirmaachisuuf hordofaa jiran (seera baasuun, leenjii ogummaa, deegarsa qaxarii, deegarsa maalaqaa, deegarsa teeknikaatiifii deegarsa dhunfaa) tareesse. Maxansi ajenda fuulduraattis qaama miidhamtoota sagantaa gudinaa 2030 keessatti hirmaachisuuf dhiheesse http://labordoc.ilo/record/462523?In=en ITU - marii dhaqabamummaa interneettii qaama miidhamtoottaatiif jedhu irratti hirmaadha Qindoomini teelekominikeeshinii adugnaa qaamma miidhamtooni interneettii fayadamuu irrattii rakina isaan qunamuufi furmaatawan isaa irraattii kaneen dhimmi ilaalu akka hirmaata afeere. Walmariin kun hanga guyaa 15/1/2016 ni tura. http://www.itu.int/en/council/cwg-internet/pages/consultation-oct2015.aspx. ragaa dabalataatiif www.itu.int/accessibility. WIPO - lakoofsa biyootta waliigaltee’’marakash’’ 20 geesisuuf sochii jiru Biyooni koriyaafii mongoliyaan waligaltee ‘’marakaash’’ (kan hojiiwan maxansaa qaroo dhabeeyiif dhaqabamaa godhu kaayeefate)malateesun isaanii lakoofsa biyoota malateessanii 11 gahee. Biyooni malateessan 20 yemu gehan waligaltichi hojiirra ni’oola. http://www.wipo.int/treaties/en/ip/marakesh/. WB - mana barnoota qaroo dhabeeyii Afganistaan Mani barumsa ogumaa qaro dhabeeyii afganistaan deegarsa bankii adugnatiin ministira barnotaatiin kan jalqabame yemu tahu, mani barnootaa ogumaa kun qaro dhabeeyiin barnoota ol’aana akka hordofaniiffii hawaasa keessatti gahee isaanii akka bahan gargaara. Pirojektiin kun maneen barnoota ogumaa kaneen jajabeessu cinaatti maneen ogumaa biro qaama miidhamtoota hirmaachisaniif jajjabeesitu ni kena. (http://bit.ly/1PZwCE) WB – qaama miidhamtoota qaama miisooma godhuuf kaka’umsa jiru Koreen hawaasuma bankii adugnaa qaama miidhamtoota hirmaachisuuf tarkaanfii adda addaa fudhate. Forami seeraafii walqixummaa panalii ‘’teknologii 5 dhaqabamaa qaama miidhamtootaaf ‘’ jedhu gageesse. Panaalii kanarratti gaheen teknologiin seera qaamma miidhamtootaaf dhaqabamaa godhuu kessatti qabu irratti balinaan mari’atame tarkaanfiwan seera, caasaafii kaneen biro technology dhaqabamaa godhuuf fudhatamu qabu irratti mari’atame. Panalii kana irraatti bakkabutooni qaama adda addaara dhufan haasaafi gabaassa adda adda dhimicharratti dhiheesse. (http://www.worldbank.org/en/topic/disability) Segentaale fuulduraa Sagantaalee gurguddoo qaamma miidhamummaarattii jirtu nuuf erga [email protected]. Taneen nuuf ergaman websittii ‘’UN Enable’’ niarkattu: http://www.un.org/disabilities/default.asp?id=1627 2015 3 December:Guyyaa qaamma miidhamtootta (http://www.un.org/disabilities/default.asp?id=111) 10 December:Guyyaa mirga namoomaa adugnaa (www.un.org/en/events/humanrightsday/) 15-17 December: raga hundumaaf; workishoopii odeefanoo eeshiyaafii pasifikii (http://www.unescap.org/event/information-all-escap-cdpf-workshop-accessibleknowledge-information-and communication) 2016 2-12 Februay: walgahii komishinii guddina hawaasaa marsaa 54ffa (http://undesadspd.org/commissionfor socialdevelopment/sessions/2016.aspx) 9-11 February: Accessability expo dubai, UAE (http://www.accessabilitiesexpo.com) 10-12 February: konferensii barnootaaffii ICT Awsteraliyaati (http://zeroproject.org/) 14-24 March: sagantaa komishinii sadarkaa hawanii irratti (http://www.unwomen.org/en/csw60-2016) 6 21 March 2016: Guyyaa miidhamma/dhukuba sagniin/jiinidhaan dhufuu http://www.un.org/en/events/downsyndromeday/ 2 April 2016: Guyyaa Hubannoo ‘’Autism’’ http://www.un.org/en/events/autismday/) 11 to 13 April 2016: guyyaa marii qaamma miidhamtootta adugnaa 9ffa. (www.disabledpeoplesinternational.org) 25 to 26 April 2016: konferensii pasifiik internashinaal reem, qaama miidhamtumaafi heddummaa. (www.pacrim.hawaii.edu/) 25 to 27 April 2016: koongirassii qarodhabeeyyii Laatiin Ameerika 8taffa, Montevideo (www.ulacdigital.org/montevideo2016) 23 to 24 May 2016: Walgahee tolaooltumma adugnaa , Istanbul, Turkey (https://www.worldhumanitariansummit.org) 13 June 2016: guyyaa Hubanoo Albiinoo adugnaa. (www.un.org/en/events/albinismday/) 14 to 16 June 2016: konferensii biyoota miseensa CRPD marsaa 9ffa. (www.un.org/disabilities/default.asp?id=1535) 25 to 27 July 2016: Habitat III sagantaa qophaa’ina koree marsaa 3ffaa (http://www.habitat3.org/the-new-urban-agenda/preparatory-committee) 18 to 25 August, 2016: walgahii waliigalaa tokkummaa qaroo dhabeeyyii adugnaa 9 ffa (http://www.worldblindunion.org/English/general-assembly/Pages/default.aspx) 27-29 September 2016 :2nd CBR Congress , Kualalampur, Malaysia (http://www.2ndcbrworldcongress.com/) 16 october: DESA forami qaama miidhamtumaa fii gudina magaala Equador. (http://www.un.org/disabilities) 17 to 20 October 2016: Habitat III, konferensii mootumootta waltahanni dhimma manaafi guddina magaalotaa Quito, Ecuador 7 (https://www.habitat3.org) ODULEE BIRAA (ITTI GAAFATAMUMMAA HINQABNU) Odeeffanoon armanngadii kun qaamootta dhimmichii ilaalu adda addatiin odeefanoodhaaf qofaa kan dhihaatani. Kan jachuun dhabatni mootummoota waltahannii oomisha, tajaajila yookiin yaada dhaata tokkoo yookin dhunfaaf beekumsa kennuu mittii. dhaabatni mootumoota wlatahanii dogogorra seeraafi, qabiyee yaadotaaffi baruulee kanaatiif itti gaafatamummaa hinfudhatu Qajeelfama haara hammanaa qaamma miidhamtumaaratti Jidugali bulchinsaafii gudina hawaassa DFIDttiin bara 2001dhaabate qajeelfama raga qaama miidhamtumaafii gufuuwan hirmaanaa irratti qopheesse. Qaama miidhamtumaa jachuun hiyummaa tahuu baatulee ragaan yero amma jiru qaama miidhamtooni billiyoonii tokkotti shalagaman gufuuwan ilaalchaa, jaarmayalee kkf irra kan ka’e’ hiyummaafi loogiidhaaf saxilamaa jiru. Qaama miidhamtoota hamachuun galii fi gibira nidabala, jireegna dunfaafi hawaasumma ni fooyessa,. Baassiin qaama miidhamtoota hawaasa keessatti hirmaachisuu qaama miidhamtoota dhufatti degaruura baayee xiqaadha.. . (http://www.gsdrc.org/topic-guide/disability-inclusion) Maxansa haaraa; qaama miidhamtumaa, sakata’a mirgaatiifi jijiira hawaasumaa Maxxansi ‘’qaama miidhamtumaa, sakata’a mirgaatiifi jijiira hawaasumaa’’ barbaachisaafi kan yero isaa eegate yemu tahu sakata’amummaa mirga qaama miidhamtootta yero ammaa irratti komii kaassa. Maxxansa kanaratti qaamooni adda addaa kan akka jaarmayaalee gadii, hayootaaffii qaamooni mootumoota gamtoomanii irratti hirmaataniiru. Maxansi kun sakata’a mirga qaama miidhamtoota ilaalchisee seerawan, adeemsawaniifi haala qabatamaa sakata’a mirga qaamma miidhamtummaa ilaalchisee gadi fageegnaan kan ilaale. (http;//bit.ly/1p9Uc2i) Seminaarra miidhama lafee dugdaa adugnaa seminaari adugnaa miidhamtoota lafee dugdaa ‘’ midhama lafee dudaa waliin fayaan jiraatu?’’ jedhu koriyaatti gageefame. Ogeessoni fayaa 250 ol tahaniifi qaamoonii adda adda, hojatooni hawaassa, fi ogeesoni birra irratti hirmaataniiru. Seminaarri kun networkii ogeessotaa uumuuffii raga waljijiruuf caraa garii uumeerra. (http;//bit.ly/1lkm9T3, www.kscia.org) 8 Badhaasa Adugnaa Hubanoo irratti Uniyeniin qaamma miidhamtoota adugnaa badhaasa hubanoo uummurratti kenuuffi. Akka lakooffsa awropaatti 3/12/2015 dhabatooniiffi namoonni dhunfaa hubanoo qaama miidhamumaarratti uumuratti hojii gaarii hojatan Istambulutti ni badhaafamu. (http://www.facebook.com/world disabilityunion/) Foramiin qaama miidhamtoota afrikaa walgahii waliigalaa issa duraa gageesse. Bakka buutoonni jaarmayaalee qaama miidhamtoota afrikaa 30 tahan keessa walitti bahan walgahii waliigalaa isa jalqabaa Nayirobii keniyaattii (octoober 31november 1) gageessan. Foramiin kun kan afrikaa guutuu bakka bu’u yemutahu sagalee qaamma miidhamtootta afrika dhageessisuufii dandeettii jaarmayaalee issani cimsuuf gargaara. Walgahii kanarratti seeronni bulmata kan bahee yemu tahu miseenssa sadii kan qabu koreenis filatamtee. Foramii kanarrati Jaarmayaaleen 46 miseensumaadhaaf iyyenno galfatan. Koonveenshinii qaamma miidhamtootta galmaan gahuu irratti jaarmayya tokkummaa afrikaa, jaarmayaalee mootumoota waltahanii waliin hojachuufis karoorfatee jira. Raga dabalatatiif [email protected] Konferensiin albino afrika isa jalqabaa gageefame Konferensiin tanzaaniyaa, daareeselaasm 19-22 november a.l.au gageefame kun qaamootta adda addaatiin ispoonsara godhamee(UNICEF, ECOSOC ..) biyoonnii afrikaatiifii kaneen birro konferensii kanarrattii hirmaataniiru. konferensii kanarratti egzibishiniin albino irratti xiyeeffate baankii adugnaatiin kan dhihaate yemu tahu, OHCHR leenjii adda addaa kene. Hirmaatooni walgahii kanaa waliigaltee pan afrikaa uumuuf waliigalaniiru. (http://www.underthesameun.com/conference) Saaxilama balaa xiqeesuf Equwaadoritti Waliigaltee saaxilama balaa xiqeessu ‘’waliigaltee sendai’’ itti aanee IDAn equwadoritti itti aannaa prezidantitiin afeerame. Imalii kun equwador haala kamiin hirissa saaxilamumaa balaa irratti, qaamma miidhamtoota dabalatee akka hojachaa jirtu hubanoo laatuuffii. (http://youtu.be/GyCKLsiq7vo?t=4m33s, http://on.fb.me/1oAwhpW) 9 Teessoon Secretariat for the Convention on the Rights of Persons with Disabilities Division for Social Policy and Development (DSPD) Department of Economic and Social Affairs (DESA) S-2906, United Nations Headquarters, New York, NY 10017, USA. Raga arkadhaa! Irrattis hirmaadha! Facebook: www.facebook.com/pages/United-Nations-Enable/196545623691523 Twitter: http://twitter.com/UN_Enable Website: www.un.org/disabilities Email: [email protected] Waamicha tola ooltummaa odeefannoo ‘’UN Enable’’ afaan birootti hiikuuf. Ragaa arkadhaa! Irrattis hirmaadha! Yeroo keessan gumaachuudhaan odeefanoo UN Enable’ afaan mootumoota waltahanii; Faransaayii, Raashaa, Arabii, fi Chaayinaatti yokiin afaan naanoo keessaniitti hiikudhaan tola oola. http://www.un.org/disabilities/default.asp?id=1626. --Odeefanoon kun akka isiniif ergammu yoobarbaadan: http://www.un.org/disabilities/default.asp?id=312 Odeefanoo kaneen fuldura akka isiniif hin ergame hoo barbaadan: http://esamail.un.org/u? Id=4468709.55e9bc4c866240b73fa7f8c449751bf1&n=T&e=bekereyesuf@yahoo .com&I=enable_news http://esamail.un.org/u?id=%%memberidchar%%&o=%%outmail.messageid%% &n=T&e=%%emailaddr%%&l=enable_news 10
© Copyright 2026 Paperzz