Minnesota Department of Health 03/17/2010 Disaster Quick Tips: Basic Food Safety – Oromo Gorsa Balaa Irraa of Eggachuuf Ta’an: Nyaataaf bu’uura eggannaa Nyaata qulqullina hinqabne hinnyaatinaa Bishaan lola’u hanga hin xuqneetti, ykn dilallatti yoo eegamu baate male, nyaata miidhaa hin qabu. Nyaata ykn bishaan baasii gati: Kan badu yoo ta’e Yoo foolii bade, biffa yoo jijirrate, ykn yoo qaqabame Yoo bishaan lola’u xuqe akkasumas yoo meeshaa bishaan galchu keessa kaa’ame . Qadaada naanneessan ykn kan irraa kutanii buqisan Qadaadni isaa yoo sibiillammaa’e, yoo bokoke, yoo dhimmise, ykn akka hintaane zaitiin yoo qaqabame, ykn yoo dhooqe Xaasaa kan tajaajila ala hin taane qusachuun ni danda’ama. Jalqaba: Barreeffama irra baasi Xaasaa saamunaa fi bishaan qulqulludhaan qulleessi Bishaan qulqullu gaalonii tokkotti bliichi naqiiti qulleessi Waan keessa jiru, guyyaa inni hojiin ala oolu barreesi, yoo shakkite baasaa gataa Nyaatoota qabbana’an qabbanumatti tursaa Nyaata frizii keessa heedduu ture ykn kan baradaadhaan goggoge gataa: Faranhaaitii 41 ol sa’aatii 4 ol ta’e ykn Friizera keessaa saa’atii 2 ykn isaan ol yoo ta’e Elektrikiin yoo bade, friijiin cufamee yoo ture nyaata saa’atii 4 hanga 6tti qabbaneessu ni danda’a. nyaatni friizera keessa kaa’ame yoo friizeeriin hanga walakkaatti guutuu ta’e balballi Environmental Health Division 625 Robert St. North, PO Box 64975 St. Paul, MN 55164-0975 651-201-5000 www.health.state.mn.us issa cufame, guyyaa tokkof hin badu ykn guutuu yoo ta’e guyyaa lamafii turuu ni danda’a. Bishaan qulqulluutti fayyadamaa Bishaan qulqulluu dhugatiif, bilcheessuuf, cabbii ykn nyaata daaimmani ittiin qopheessuuf akkasumas harka itiin dhiqachuuf, meeshaa itti nyaatan ittiin dhiquuf fayyadamaa. Bishaan bollaa lolaan yoo itti aseene qulqullummaa ni dhaba. Qulqullina harkaafi meeshaawwanii Kan bishaan gadi baasu, saanoota, kan irratti miican, kan irratti qopheessan qulqullinaan eegaa. Meeshaawwan qulleessuuf tarkaanfoota kana caqasaa: 1. Saamuunaa, bishaan ho’aa fi qulqulluutti fayadamma; 2. Bishaan qulqulludhaan lolla’aa; 3. Bishaan qulqulluu gaalonii tokkotti blichii maankaa tokko naqaatii dhuubaa; 4. Kan nyaatni irratti qophaa’u qulleessaa, saanootaafi meeshaawwan kan biraas bliachii keessatti dhuubaa; 5. Qilleensaan akka qooru taasisaa. Nyaata utuu hin qaqabin dura, harka keessan dhiqadhaa, saamunaafi bishaan qulqulludhaan sukkumaa. Caaffatni kun arfii guguddaan, Braillin, ykn teephitti waraabame yoo feetan lakk 651-2015000 ykn 1-800-657-3908 warra duudaadhaaf, ykn warra dhaga’uuf rakkoo qaban TTY 651201-5797 bilbilaa.
© Copyright 2026 Paperzz