Disaster Quick Tips: Basic Clean-up – Oromo Minnesota Department of Health 03/17/2010 Gorsa Balaa Irraa of Eggachuuf Ta’an: Bu’uura Qulquulluummaa Lolaan kan barbadeesse fakkii isaa kaasaa Harka keessan akka gaaritti ammaa amma saamunaa fi bishaan qulqulludhaan dhiqadhaa Badiin bishaanii manaafi kan manneen keessa jiran kaasa. Fakkiin sun inshuraansiif gargaara. Kan irri isaa jabaate hunda irraa fottossi jalqabatti jabeesii haxaa’i, uuraa kan hin qabne simiintoo, dhagaa walmakamaa, xarapheezaa, firiijii fi istovii saamunaafi bishaan lolla’aa. Bishaan biliichiin makame ni fayyadaminaa saamunaa fi biliichii walliiti hin edainaa. Yeroo qulleessitan of eggadhaa N-95 (maskii) funnyanitti keeyyadhaa. Kophee laastikii ol dheraa, glovii harkaa qabaadhaa, gogilii (ijo irraa kan balaa ittisa kaawwadhaa. Asveestoos irraa of eegaa Siminttoon goge yommuu qilleensi afuufu sonba seenuu ni danda’a. inni jiidhan akka salphaatti hin afuufamu. Ijararsi ykn manni keessan asveestoos yoo of keessaa qabaate: Eeggannaadhaan akka fuudhaniif kubbaaniyaa isaa waamaa, akkasumas Bakka asveestoosii eeggannaadhaan itti geeffamu yoo feetan MPCA 651296-6300 bilbilaa. Asveestoosi qaba jeettanii yoo yaaddan: Barreeffama irraa fine dubbissa akkasumas Gargaarsaaf jecha kubbaniyaa isaa waamaa. Maaltu gatamuu qaba Bishaan galachu kandanda’u waan uurataa qabu, kan bishaan of itti guru basaa gataa. Muka googaa, xaawula cichaatti maxansan shiboo eleektrikaa kan keessa dhoksan, kaarpetti fi firaasha irra rafan, kun hundi shame ykn same dhibee nama irran gahuu ni danda’u – yoo shakkitan gataa! Akkaataa ittiin mana qoorsan Cuffa fi foddaa banaa afarsaa fi kan bishaan qilleensa kessaa xuuxu qabaadha. Motoora boba’aadhan kaasanittti eegganaadhaan fayyadhamaa Yeroo hunda diidatii malee keessatti ni fayyadaminaa: Motoroonnii boba’aan hojjeetan yknhuman kennan Grill (kan irratti foon waadan) boba’aa uumamaa ykn cilaattii. Warreen kana bakka cufamaattii ni fayyadaminaa - garaajii, fodaa baname biratii, balbala ykn bakka qillensa galchu. Isaan kun dhiibee ykn du’a fiduu ni danda’u. Bakka zaitiin itti dhangala’e quleeessaa Yeroo qullessitan kafana zaitiin xiqame hin uuffatinnaa. Daaimmani fi saree ykn adurree mana iraa fagessaa. Qillensa haaraa mana kessa lubbisiisaa. Uuraa qabaatee kan zaitii ofitti xuuxe baasaa gataa. Abida uumuu kan danda’u hunda gataa. Zaitii dhangala’e balaa kaasuf isa jalqabaati. Hogganaa guyya sana hojaa irra jirtuuf gabaasa dhiyeseessuf 651-649-5451 ykn 800422-0789 bilbilaa. Akka gaariitti harka keessan dhiqadhaa. Saamunaa fi bishaan qulqulluudhaan dhiqadhaa! Environmental Health Division 625 Robert St. North, PO Box 64975 St. Paul, MN 55164-0975 651-201-5000 www.health.state.mn.us Caaffatni kun arfii guguddaan, Braillin, ykn teephitti waraabame yoo feetan lakk 651-201-5000 ykn 1-800657-3908 warra duudaadhaaf, ykn warra dhaga’uuf rakkoo qaban TTY 651-201-5797 bilbilaa.
© Copyright 2026 Paperzz