Oromo Large Print

Heerra Biyoolessa kan Mirga jiiratoot
Heera mirga Jiiratoota kan Biyoolessatiifi
kutaa walitii qaban
MEDIKEERI/MEDIKI’EDI KESSATI EDOOWAN NARSIN OGUMAN ISSA NI
RAGEEFAMUF YKN EDOOWAN NARSII
Jirantooni hundinuu kan edoo tajajiila waldhansa faya yeroo dheera kessa jiiratanif, hamma
issan barbachisseef aka tajjajiila akkargattan seeri biyooleesatif kan kuttale mirgga
nimirkaneesuf. Mirigii Kun seera biiyoleesatiif kan kutta [MN] jalla kan jiiru yota’uu hojii’ra kan
olu, jirratotaa edoo tajajiila kana keenufi sagantaa Mediki’edi ykn Medikeerin qabachu issanii
kan birkanaweedhan.
Seera mirgga tajjajilla fayya edoo1 jirratootta tohataana qabuu.
Mirgii kunis italikiin qoophee kanbareefamee. Mirgooni biro hundinnu seera biyolleesa jallati
kan argaman you ta’uu jiiratoota edoowan raga saganta Mediki’edi or Medikeeri kan hojatuu
ta’aa. Mirgii atii qabduu seera Miniisotatii kun seera biyolessatiin kan walgituu yota’eelee, seera
biyoleesatu darran fudhattama qabba. Heraffi seera Biyooleeesa.
Miirga Jiratoota
Jiratan kumilee miirga oofbeeksissu, murtii mata issa murteefachuufi, walqunnamtii namoota
achi jiratanif ykn edoo tajjajila addada kennanitii qunamu danda’aa. Edoon jirenya kuni mirga
jiratoota egufifi siriit beksiisu dirqamma yoqabatuu, mirgoota asiin gaditii argamman
kanufkeesatii qabatuu ta’a:
Mirgatii Dhiima Bahuu
1. Nami tokoo akka jirrata edookannatitii ta’ee akka lamii ykn jiirata USAti mirga asiiti
tajjajilamuu gafachu danda’aa.
2. Jiiratan kun fedhii isatiin, dhiba tooko malee, wanta tokoo otoo hinsodatiin mirga issatitii
dhima bahaa.
1
Galmee kanna kessatii, jechii “eedoo” mana wallaansaa (nursing home), iddoo bulanii yks ta'aanii gargaaraman fi iddoo
gargaarsaa kan hayyama qabu (certified nursing) jechuu dha.
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
3. Akka seera kutta [MN] kananatiti, jiirata tokoo miirga issatiiti dhiima ba’uu kan
hidandeenyee yota’ee, namni mana seera kutta kannatin bakka bu’uun became mirga
jirattotoo edoo kannatiin falmachuu danda’aa.
4. Yo jirratan tooko Mana Murtii kutta [MN] kanatiin serran aka ofi dubachuu aka
hindandeenyee hinbirkaniien ykn offi dubachu akka hindandenyee, garu, ogessi seera,
miirgaa jirrata kana akka seera kutta kannatiin mirga jirataa kannatif nidhabataf.
Galmee Tohachuu
1. Jiraatan ykn jiratuun Edoo kana ykn bakka bu’aan issa ykn ishii galmee faya affaanuman ykn
bareefaman, galmee issa ykn ishii kilinika gafachu danda’aa, gafatee sa’aa 24 kessat
argachuu mirga qaba (kuni guyya sanbattanitiif guyya ayanna kan amatee miti); fi
2. Galmee ofi xixalludhaf hergafudhateen boda, koopi gatii jiratootaa nanoo sanitiin ol
kantanee kan godhamuf guyya hojii 2 durra gafachuu qaba.
Hubanna Halla Faayaa
1. Naminii asit tajjalilamuu mirga affan issa gallun dhimma fayya issa qoffa otoo hintanee
wanta birotiffs hubachiisuu qabban.
2. Galmee kanna kessati Jechii “Edoo” edoo manna narissiidhan tajajilla argatu ykn edoo
jiiiratooon gamtadhaan jirrarttanin fudhatammmu dhabban.
3. Odeefanoo wa’ee woldhassa. Jiiratonni miseesa matii ykn bakka bu’aa issanii wojiin ykn
hundumma issa wojiin argamu danda’aa. Odeefanoon kun akumma bekkamu wa’ee
woldhasa fayya godhameef, qoorumssa ilachaa samuu, waldhassaf carralee jirran hunda kan
qabatee ta’u mala. Yeroo oguuma fayyatiin kan hinfudhatamnee ta’uu tatee, haluuma
ogessa fayya kan mana kanna galmeeheen, odeefannoon kunii akkauma jiiruun toohatta ykn
bakkabu’aa bekameet nikennama. Jiratan kun odeefanoo kanna dhorgachuuf mirga qaba.
4. Jiratuun kumillle Naqaarssa harma kaminnuu kan gidiratuu yota’ee gutuuma gutuun itii
humma, otoo garra man jireenya kan otoo hindhufininn durra, ykn akkumadhufeen ykn otoo
achiiti jirtu, ogessi fayya bekkkanamn woldhassa jiruu, dhossa ykn garra baqauu, radiolojii,
ykn chemotherapii, ykn hundumma kan ofkessa qabuu himmudhan hubatii woldhansi kunin
gessulle ni’ ibsamafii.
2
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
Hirmanna Saganta Waldhassa
1. Jiratan kun mirga hirmanna karoora waldhassa fayya niqaabata. Mirgii kun carra dhimma
woldhassa faya irrat hassahuf malii birro ogeesson yoqabbatanifwoji hassahuf, hirmanna
tajajilla baldhaa godhuf, mirga matii ykn bakkabu’aa issani hirmachiisuuf. Woyta jirattan ofi
bakka bu’uu hindandenye, matiin issa ykn bakka bu’aan jiratta kanan flatame marii kanna
iratii qodda fudhachuu danda’aa.
2. Jiirattan manna Narsii ykn mandhee wal’dhanssatiti yoo galuu kan uffi hinbenee ykn yo
gagabee hasahuu kan hindandenne ta’ee, halumma boqanna 3 jallat ibsameet, woreen
tajjajilla kennen, matii issa ykn nama bareeffan durran guya mudatiff bakabuuma issa
birkana’eef qunamudhan halla jiratta kuni kessa jiru hubachissu danda’aama. Wariin
Narsiing ykn wori manajirenya tajajajala gutuu qabuu kan matii ykn bakka bu’aa issana,
karoroo saganta waldhansaa irrat wojjin yomarachisuu yo ta’uu, garuu wajirii woldhasoo
kennu kun karoo jiratta issanii kun edoo demmu kan barefaman bekammu ta’ee dhabni
waldhasaa kun matii issani gafachuu hinbarbachisuu ta’aa. Herga matiif yeroo gahaa ta'ee
kennani beksisanii boda, hirmannan matii saganta woldhassa fayya matisatif akka
kennamu yoo hirmataan, Mani Nursing kun mo "tattaafanaa qabatamaa" qabuu
godhudhan tajjajila fayya kanwojiin hincinee kennafii naminii kun tajjajiilla fayya dabalata
kan keenamuuf irat hojjattan.
A. tatafii nama kanna qorachuu;
B. galmee fayya nama as jiiratu halla gariidhan akka tajjajiila issanitiin qorachuu;
C. hirmana namma yeroo muddan ummameef qunnammauu danda’aamu, ykn edoo
tajjajilla dabalatatic demmufi ogessa fayya naminii waldhansa fayya issati kan birra
demu gafachuufi; fi
D. barbachiisumma yadda ogeessa fayya naminii kun tajajilla fayyatif bira deemu
barbachisadhaa, wanbekamuu yo ta’ee, kun dandeetii nama kanna murtii tajjajilla
dabalata murteefachu argachuu gafii dhiyefachuu akka danda’uu hubachuudha.
Waajiiri tajjajilla keenu kun matii nama kanna ykn nama yero muda akka qunamamuu
seeran galmahee akka karoora woldhanssa fayya namaa kanna irat hirmattan beksiisu,
waajiirii kun badii matiin geseef mirgi namama kana yo dhibamee ykn hirmachuu
dhabeef itii gaffatamma hinfudhatu.
3. Tatafii wajiira kun matii ykn nama seeran baka bu’ee qunamee, halla galme fayya nama
kannatif, tatafiinna naminii kun dhunfaan godhuu wojiin hassahee issanifi ibsu qabba.
Wajiirii kun matii namma kanna ykn bakka bu’aa issatifi, bulchinsa hawasuuma nanoo
sannitif, akka namini kun issan biraa jiruu akkuma naminii kun mana issinitiiti tajajiilii
barbachassa ta’ee akenamafii jiruuissan bira galee sa’a 24 kessati halla fayya namini kun itii
jiiru gabasuu qabban. Wa’ajiiri hawassuma ykn heeraf serra nanoo issani eenyuuma nama
kana adda basuufi qarqarssa barbachiissa ta’ee wajiira kannaf godha. Wajiiraleen kun
itigatamumma midhaa namma kana ira gahuufi, matiif ykn bakka bu’aan issa hirmachiiuun
allati yo mirgii issa dhitammufi foyahinssa fayya nama kannatif it gafatumma hinqabuu.
3
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
Harriroo Wajiira Tajjajilla Fayya Biroo
Namnii as jiiratuu tajjajilla waajira kannan alla kan feedhuu yo ta’ee eenyu tajjajilla inii fedhuu
akka kennef hojja basee iibsufii qabba. Namin assii jiratuu kannaf wajirii kum tajjajilla fayya
akami argachuu aka dand’uu bareefamman maqaa ogesootaa, hojatoota gamta, ykn jarmiyya
tajjajilla kenuu danda’anii bareffan nihubachissa. Odeefanoon kuni maqaa namotaa, tesso,
ibssa tajjijilla issan kennanii uf kessatii kan ammatuu ta’a. Garuu, galme fayya nama kanna
kessati ogesii fayya yo dangessee, matiin ykn bakka bu’aan issatif odeefannaoon kennamuu
danda’ama.
Tajjajiila Fayya Kennamu Qabuu
Jirratan tookoo mirga woldhansa fayya fudhatammafi qaabuf tajjajiilla dhunfa akkata
barnachisumma abiichatiti argachuu qabba. Tajjajilla fudhatamma qabuu jechuun tajjajilla
namma duressee qophee, fedhii qammatif sammu namotta kan gituu jechadha. Mirgii tajjajiila
kanna murtahadha, basii edoo tajjajilla hawassumatiif dhunfatii tajjajlamteef kafaltiin bakka
hin busuammuf.
Tajjajiila Itifuu
Hanga heerii dhabbanii tajjajiila kanna kenuuti naminii kun mirga asitii waldhanu kan qabatuu
yota'uu tohanna fudhaatama qabuun wojjatoonii itiifufudhan nigargaruu.
Woldhanssa Diduu
1. Naminii as jirratuu kuni mirga tajjajailla didutiffi sirna qormssa irrat hirmachuu diduu,
tajjajilla dabalatalee diduu danda'aa.
2. Naminii as jirratuu dandeetiifi hubanoo armman duratii kuta "hubanna halla fayya-3&4"
irrat bareefamee halla gaha ta'ee kan qabatee ta’uu dha. Namini tajjajilla didee, qorsssa
didee, ykn nyata didee, ofeegannon rakinna chimman fayya issatiifi sammuu issart
kangessuu taa'a hubachiisuun barbachiisadha. Woytaa namini kun dandetiin issa rakinina
issara gahuu jirru kan hinhubanee tatee garuun murtiin akkasii kan it hinmirkanahin ta'ee
ykn dandentii dhabudhan seerran kan itii hinbekkamin ykn diduu issa seerii kan issa
dangessuu ta'ee, hala jirraf rakiinna dhufu danda'uu gutumman gututii ogessa fayyantiin
kan galmahee ta'uu ta'u qabba.
4
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
Mirgaa Beksisufi Fudhachuu
Waajirii tajjajilla keenu kun nama issan biraa jiratuufi inbsa barbachiisa ta'ee hunda
itiihimmudhan ta'ee bareefamman affan issa gallun mirgga, heerraf seera issa ykn ishiin jallatii
bullu qabduu, itiigaffatumma issa ykn ashii hang edoo issani kessa jiiratan habbachiisuun
barbachuussadha. Ibsii kun kan keenamuu namma kan otoo hinfudhatiin durattii ykn yeroo
fudhachuu jalqabannin ta'aa. Kun yota'uu jijiirami you jiratee bareefaman ta'uu qabba.
Odeefanoo Mediki’edi fi Medikeeri
1. Dhabni kun enyuu bu’a Mediki’edi akka qabbuf odeefanno namotaa issan bira galaniied
ibsuu qabban, bareefamman, yemuu fudhatan tajjajilla dhaba Narsing ykn yeroo namni
issan birra ta'uu Mediki’edi kan argatee you ta'ee:
A. Wantotafi tajjajilii dhaba Narsining jallate arggaman seera Mediki’edi kutaa kanna
wanta'eef naminii kun jijiruu hindanda'aa ta'a;
B. Wontoonii birotiif tajjajiilli dabalataa dhabnii kun keenuu garuu, naminii as jiiratuu
kaffalluu kanqabuu haggam akkakaffalaniss bekamuu qabbufi; fi
2. Dhabanii kun wanta kaffalufii tajjajilla keenamuuf nama as jirratuu kannaf ibsuu qabba.
3. Dhabinii kun duran dursee odeefanno gaha ta’ee nama issan bira jiirachuf demuu keenu
qbba, ykn yerooma namni manna issaniti galchuu jii’ran, tajajiila kaffaltii adda kaffaludhaan
jiratoonii argatan akka danda’as ibsafii, garuu tajjajiilla kannaf Medikeeriin kan hinkallafnee
ykn gatiin kun dhabata tajajilla kannatiin kan mur ta’uu ta’uu hubachissa.
Mirgga Seera Bareefaman Ibsuu
1. Dhaban tajajjillu kun mirgga heerran kennamee kan wonta assii gadii ka ukessa qabuu ta’aa:
A. Heerra qabbenya galii dhunfa ibissafi tiksuu.
B. Ibsii kun halla naminii tokkoo Mediciad argachuu danda’uuf wantaqanachuu qabuuf
tartibba wantii kun itii rawatammu qindeessa, qoraanoo Social Securty Act kuta 1924C
jallatii godhameef gafatee mirkaneesuun, buuereesuuf halla naminii lama hawaassa
kessa itiin jiiratuufi qabenyaa itiinqoddamanfi, halla kaffaltii waldhansa fayya hadha
nama ykn abamantiif halla Mediki’ediiin kaffaluun mijeesaaf;
C. Maxxanuu maqaa, tessoo fi lakoofsa bilbilaa dhaabota mootummaa, dhaabota
mirga warra gargaaraniiff falman warra akka hayama keennanii fi “State
ombudsman", warra mirga namaatiif falman fi warra waan miliqe yks hatame
ifaatti baasan hunda qabaachu qaba; fi
5
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
D. Jecha yks hayama namnii iddoo itti gargaaramu yks tajaajilamu tokko rakkoon,
midhaan fi gatamun yoo irra ga'ee, horiin gargaarsaaf murtaa'es karaa malee yoo
ba'e fi qajeechifam motomma biraa kenname hojii irra yoo hin olchine motummaa
State tti iyyachuu akka danda'u kan mullisu.
2. Dhabanii tajjajilla keenu kun odeefanno kanna bareeffaman edoo dhabbataf muldhach
dandauuti olkawachuu qabba; namma manna issanii galuufi hojjatuu ibssa gahata’ee affanin
ta’ee bareefaman akkamit akka iyyataniff bu’aa Medikeeri and Mediki’edi hubachiisufi debii
qarshii tajjajilla arman duraa hargatani fudhachuu qabban.
Dursan Essa akka Deeman Bekuu
1. Namni as jirratuu mirgaa odeefanoo issan bira bahee demmuu danda’uu qabbachuu yo
qabbu, herraa manna kanna akkamit hojiira aka oluu seera qajeelchamma eddo demmu
dandaan bareefaman argachuu qaban.
2. Naminii as jiiratuu mirga essa akka demuu danda’uu karorfachuu dand’aa.
3. Naminii tokoo garaa waajiira Nursing or Boarding tajjajiila argachuu yo dhufu, naminii
dhuffa jiiruu kun ykn bakka bu’aan issa ykn itiigaffatamman jirratoota wa’ajirra kanna,
caraa namma jiirta kanaitii’anuu dhufee dhufee nanahuuni ykn lalunii danda’unnif
hindandenyeefi, murtii tajjajilla fayya kan kenuu danda’uu jalqaaba irrat murteffachuu
danda’a. Murtiin kun galmee fayyalee ufkeessat kanqabatee taa’aa. Ammas kun murtii
tajjajiila fayya, durssani asii yobahhan essa akka demman bekku, akka seera bakka bu’aa
essa akka demuu danda’aan namma filachuu danda’uu 145C ibsuutii qopheffachu danda’a.
Doctorra Tajajilla kennu
1. Namini as jirtuu doctoraa issa tajjajillu filachuu danda’a.
2. Dhabinii waldhansaa kun maqaa ogeesotatiif, ogumma adda issan qabbanifi, akkamin
argachunii akka danda’an odeffanoo namma issan birra jirrattanif kennuu qaaban.
3. Halla oguumman fayya hingorfameeneen, Galmee fayya namma as jirratuu irratii wantta
armman durra ogeesii fayya galmessan irrat hundahanii, odeefanoo namma issan bakka
bu’uuf ykn nama abiichuu kan filateetii kennamu nidanda’amma.
Ibsa Jijiirama
Edoon tajjajilla kennu kun jiijiiraan tokko yo jiiratee hattantamman odeefonoo haraha nama
issan birra jiiratuufi ibsuu qaba; ogessa fayya nama kanna nimaiiachissas; namini kun bakka
bu’aa seeran bakka bu’ee yo qabatee ykn matii dhimma kanna bekuu issa barbachiisuuf ibsu:
1. Jirrata mana kanna irrs muddan hubatii guda kandhaqaabee ta’ee, ogeesi fayya
qorranoo gudhuu kan issa barbachiisuu yo ta’ee;
2. Jiijiirramni guddan qamma, sammuu, ynk illal’cha nama kanna irratii argame;
6
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
3. Woldhansii dabalta kan kenamuu yo ta’ee akkata barbachiisumma issatin
dabaluufi; ykn
4. Murtiin nama kanna edoo biro dabarsuun ykn bassun barbachissa yota’ee.
Jijiira Gola ykn Nama Gola Wojiin Jiratanii
Jiirattan nama kanna mirga duran dursee ibssa jiijirramsaa gollatiif nama issa wojiin gallu
argachuu qabba.
Galii Dhunfaa
1. Jiirata kun qabenya issa hunda toohachuuf mirga qabba, dhabnii kun malaqaa nama issan
birra jiratuu bank ufiitii kuffachuu hindanda’uu.
2. Yemuu namii as jiirtuu kun hayyameef, dhabinii bulchinssaa galii nama kanna qabuu,
olkawachuu, tohachuu fi, itigafatumma fudhachuun bajata nama kanna kan mani kun
tohachuu wijiin alkayatee tohachuu danda’aa.
A. Mani tajjajilla kun qabenyaa qarshii $50 ol kan ta’uu ta’ee kophatii kuffata adda kan
dhalla qabuuti alkuufachachuufi yo qabatii dhaltii argamus achumma kessa achuuma
ta’uufi qaba.
B. Manii tajjajilla kenu kuni qabenya qarshi $50 kan hincaalee namii issan biraa jiratuu yoo
qabatee, qarshii kanna kufatta dhalla hinqabneetii ykn kandhallakabuti, ykn qarshi
issani kan sochii xixiqoofi olkawaatanii wojiin alkawachuu danda’a.
3. Mani tajjajilla kuni qabeenya namootaa issan biraa jiirataniif kuffata adda kan seera
tohatinse kuffata qabenya idil adunyatiiin fudhatamma qabuun qophesse, hordofii
ammansissaa ta’ee qabenya nama issan bira galuu akkana tohachufii qabban.
A. Tarsimmon kuni galii biro kan nama kantiif garaa ykn namma achii jirratuura dhuffuu
fudhachuu diduu qaba.
B. Galmeen qabenya dhunfa nama as galuu kunn ji’aa afuur afuriinin qophahuu
yoqaabuu, abichii ynk bakkabu’aan issa ykn ishii yo gafatee kenammufii qaban.
4. Namini issan bira galuu kun kan du’ee yota’ee, dhabini tajjajiilla kenuu kuni galmefi qarshi
waliti qabee guyya 30 kessatii qamma mana murtii dhimma akkana murt’eesutii dabarsee
kenuu qabba.
7
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
Bekisiissa Takoo Tokko Akka Wolgituu/Bu’aa
Mediki’edi Irra Wanta Nama Dangessu Danda’a
Mani tajjajilla kun namotaa Mediki’edi argatan hundafuu ibsuufii qaban:
1. Yemuu kufani qabeenya nama as jirratu dangaa deegarsii Supplemental Security
Income (SSI) qarshii $200 gadii bu’ee, galiin nama tokooirratii kan murta’ee yo ta’eef, fi
2. Qabenyii galme kufataa kessa jiiru kan qarraxinii irra hinbanee, SSI kancaluu ta’ee, bu’aa
Mediki’edi argachuu dhabuu nimalla.
Wabii Qabenyaa Mirkaneessu
Wajiira kun qabenya namini issan biraa alkawatuuf wabii bondii bituu qaba, ykn wabii
ammansissa ta’ee “Wajiira Kutaa Tajajiila” fayyafi hawwasumma muldhisee wabii ammansisaa
ta’ee qabenya nama issan biraa olkayataa jiruf mirkanessu qaba.
Kafaltii Kufata Qabenya Dangeesu
1. Wajirichii kun kafaltii Madicaisii ykn Medicaridhan kafaalamuu danda’a qabeenya dhunfaa
iraa muree kafaluu hindanda’uu (yo akka irramuramuu akka qodda kafalitii kanegamu
ta’eef male).
A. Tajjajiili Medikeeri ykn Mediki’edi kan ofkessatii ammatuu ta’aa. Yemuu manii kun
Medikeeri Mediki’edi qabbacha edo’oo kan kanjiiratuu ta’ee tajjajilla assigadiit
argamuuf kafaltii adda hinkafalchiisuu:
a. Tajjajilla Narsiin kenituuf
b. Tajjajila nyata
c. Sagantalee sochii ada aadatif
d. Suphiinsa Mana jiirenyatif/sireef
e. Wanta adda ada kan qulqulinna dhunfatif guyan guyyatii nama issan birra jiiratuuf
kan barbarchiisu kan uf kessatii hamatuu yota’uu, garuu wanta asii gadii jiirutii kan
hindangoffinee ta’aa
8

qulqulinna rifeesatifi wanta barbachiisuu, fillaf, brusha

samunna qaamma, samuuna adda, infectionii akka itiisuuf qullquliinna addatif
kan barbachisuu yo ta’ee, rakinna infectionii qamma akka itiisuu ta’uu kan
errame yoo ta’ee

mulaciif, samunna iitiin hadachu

rigaa, samuunaa ilkaanii, happee ilkaan namnii tolche iddotti qabu, kan ilkaan
sobaa kan namaaan hojetame qulleessu fi shiboo ilkaan gidduu qulleesu
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN

qibatii qamma lafissu

qulqulessa man fincanii, mesha, qamma

urgo bobaa

wantoota yero gabbabaf iti fayyadamnee ykn wanta harkaf affaniin
haqaanuu KKF

fooxaa qammatiif, fooxaa xixiiqa, harkoo

dawa ajjaja ogessa fayya malee bitachuu danda’aamu

tajajilla qulquliina rifeensatiif qeenssa

wan qulqulinna qammatif ta’uu, fi

woyya micaaf dhunfatiif
f. Wantotaa tajjajiila fayyatiin walqabatuu.
B. Wontota ykn tajjajiila qabenya nama asgaluu iraa kaffalchiifachuu danda’aamu jiruu.
Arman gaditii gareefi fakii wantotafi tajjajilla adda ada wajiiri kun qabeenya nama issan
birra galuura kafalchiisuu qabuu, yo namni kun gaftee, wajiirii kun akkakafaltiin jirrus
yoo hubachissefi kaffaltiin kun Medikeeri ykn Mediki’edi kan hinkaffalamne yoo
ta’eedha:
9

bilbiila

televivniina, ykn Radio, wontoota wantoota faydaa dhanfatiiff ta’uu

wantotaa naminii barbaduu kan akka tanboo, wanta adda adda, fi kittabba KKF

wantootaa adaada itiin feessanif tajjajiilla manna kana argatuu, garuu kafaltii
Mediki’edi ykn Medikeeri kan kaffaluu ol kanta’uu yo ta’ee

woyya dhunfaa

dhunfatii Wantiin kettaba itiin dubistuun

keennan maqaaa dhunfatiin bittamee

abaabof biqiiltuu adda adda walgahii

lee hawassa edoo bashananuuf demuuf wantotaa sagantalle asiti kennaman alati
wanta kaffalamu

tajjajiilla adda kan kaffaltii birrootiin hinkaffalamee, narsiif ykn qarqartuuf

golla dhunfa, tajjajiilla biritiin kan hin barbadame (fakenyaf dhideen inii qabbu
akk namma birotii), fi

nyata akkata arra bayessa ta’een ykn halla mani tajjajilla kun qoophessan addat
akka qophahuf kan gafat.
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
2. Wanta hojjatamuf tajajiila gafach.
A. Iddoon tajajiila kun jirrata kanna tasumma kaffalchiisa hinqabu (ykn bakkabu’aa isa ykn
ishii) wontoota ykn tojajiila hingafataminif.
B. Iddoon tajaajilaa kun nama acchi kessa jiraatu akka to'atamu, (bakka bu'aa isaa yks
ishee), iddoo sana jiraachuudhaaf wanta isa hinbarbaachifne fi tajaajila issa yks ishee
hinbarbaachifne akka gaafatu giddisiisuun hindanda’u.
C. Iddoon tajaajila tokko nama achi jiraatu yks (bakka bu'aa isaa yks ishee) tajaajila
kennamu tokkoo fi wanta barbaachisaadha jedhan tokkoof baasiin akka jiruu fi baasiin
suniis hammam akka ta'e beeksisuu qaba.
Wanta Dhunfatiif Ciimdii ta’ee
1. Jirratan tookoo dhimma issatiif galme fayya issa dhunfatfi ciimmidin qabachuu qabachuuf
mirgga qabba. Wontooni dhunfaa kan ufkeesat qabban halla jiirenya mana, waldhanssa
faya, wolqunamtii bareefamatiif bilbiila, tajjajiila dhuunfa, doohatootafi, wolqunamtii
matiitiif garee namata as jiiratani, garu, edoo tajjajilla kennu kun edoo it walgahan kan
dirqiiisiisuumit.
2. Hojjatooni eddo kanna mirgaa dhunfaa kabajuuf golla nama tookoo otoo hinseeniinin duraa
balballa ruukutuun seenuf hayamma gafatanii hayyama argachuu qabban, garuu yemmu
sardaminsii jiiruf kana gochuun siriit kan hubatamee yo ta’ee.
3. Akuuma himma 4 ffa irrati ta’eeti, jiirattan tookoo odeefanoo issatiif galmee fayya issa edoo
kanan alla namma alatiif kennu diidu mirggan qabba.
4. Mirgii diidda odeefanoo kenuu diidiissa wantii hojii irra hinolee yoo:
A. Jirratan tookoo addanna garra eedoo tajjajiilla fayya birroo kan deemu ta’ee; ykn
B. Galmeen akka gadidhiissamu qamma seeratiin kan gafattame ta’ee.
5. Yemmu galmeen dhunfaa namma allatiin yo gaffatame, eedoon kun jiiratta kannaf ibsee,
naminii wojiin deemuu kanbarbachiisuu ta’tee gafiif deebii barbachiisa ta’ee kenuu
danda’aa. Photoo koopiin galmee kannatiif bareefamnii wa’ee galmee kanna ibsuu jiirachuu
kanqaabatuu akkataa seera gamee fayya Miniisottati 144.291 - 144.298 ti rawattama. Mirgii
kun dhiima komii armman durratiif toohanna waajiira fayyatiin goodhame, qamnii saddafa
dhimma kaffaltiitiif kan barbadu yo ta’ee, ykn qamma seerrratiin kan hinajjamnee ta’ee.
6. Wooytaa naminii tooko garra edoo tajjajiila kannatii dhufu, seerii biyyooleesa eeynuuma
namma tokko namoota biilbiin gaffataniif doowatoota ykn namoota gafiif dhuffanif, jiiratan
tokkoo ykn namnii issa kunuunsuu ykn naminii issan bakka bu’uu danda’uu carra angoo
odeefanoo ykn galmee jirratta tokkoo nama bilbiin gaffateef ykn gafatuuf dhufee dhimma
nama kanna baruu barbadeef odeffanoo keenu danda’aa. Bakka bu’ann ykn namini bakka
bu’uu dandauu tokoo jirataan tooko akka asi akka jiiratuu himmu dhabuu danda’aa. Mirgii
kun kan dangeefamu, yo heerii fayatiin aka hinkeenamnee yota’eef ogeessa fayya nama
kannatiin galmnahee kan kenbeekamee yo ta’eedha. Yo sagantaa darraraafi itiisuutiin kan
hubatamee yo ta’eefii seera namma qarqaarra hamma irra jiiruu barraruu jedhuu, kutaa
626.557, garee kuutaa kanna 14, himma (b) migii kun halla barbachiissa ta’een kan
dangeefamee ta’aa.
10
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
Tajjajilla Kenamuu Malu
Jirratoon mirga wagafachuuf gafiii issanitif debii yeroon argachuu qabban.
Bu’aa Qoranoo Xinxallu
Jarattan kumilee mirga bu’aa qoranoo dhiyenat bulchisii kutaffi biyollessa adoo tajajiila irrati
godhanifi wanta akafoyyahuu qaabu bekuu qabba. Edoon tajajilla kenuu kun bu’aa qoranoo
kanna edoo jirratoonii it arguu danda’aani kayuu qabban.
Nama Mirga Mamiltotatiif Dubatu
Jiratoon tokko bakabu’aa ykn mamaillan issani kan mirga issanitiif mormauu qunnamanii
odefanoo argachuf mirga qaban.
Hojii
Jirrattan kun mirga:
1. Tajjiajila ada adda kan eedo jiranya kun godhu diduu nidand’aa.
2. Tajajiila eddoon kun kenuu, yo inii ykn ishhin filatee ykn filatee, kan hojjatuu:
A. Edoon tajjajilla kenuu kun barbachisumma ykn fedhii hojii waldhasa sagantefame
nigalmessa;
B. Sagantantichii kun tajjajilii kun akkamit aka kennamun, tollan ykn kaffaltiidhan aka
kenamu wojjan basee ibisuu qabba;
C. Kafaltii tajjajiila tokoof bahee gatii amma jiirun deebi’ee kafalamufii qabba, fi
D. Jirrattan kun hojii sagantaa woldhanssa argachuf woligaltee qabachuu qaba.
Xallaya
Jirrattan mirgga wolqunnamtii bareefamman chimdidhan godhachuu yodand’uu, mirgalee
birrotiis of kessatii kan amatuu ta’aa:
1. Xalaya ergufi yerodhan otoo hinbannamin argachuu qabba.
2. Tajajilla sanduqaa, xallaya barefachuu edoo jirenya kanti kafatiin argachuu.
11
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
Mirga Doohanna Qabaachuu
1. Jirratan mirga kan yoqabbatuu, eedoon tajjajilla kun jiiratootaffi halla armagadiitiin
ibsuufi qaba:
A. Bakka bu’aa bareesotatiif;
B. Baka bu’aa bulchissa kutatiif;
C. Ogeesa faya jirata ykn dhunfatif;
D. Qondallan mirga tajajiila-yerodheera kuta kannatif;
E. Garmiyyan itiigafatumma tarsimoo namotta hirdhiina gudiinatiffi hindhinna sammu
qabaniif mirga issanii egsisuuf dubbachuu;
F. Jirratan tokoo miriga matiif ykn faotaan issatiif asiin duraa kenee yomilee wakachu ykn
halu, fi
G. Sababaa barbachisaa ta’een mirga jiratta qabuu dangeesuu, wakachuu ykn waligaltee
durran jiruu yeroo barbadee kassuu, nama jirrataa kana birra aka dhufu hayyamameef.
2. Edoon tajajiila keenu Kun hayamma namottafi jarmiyalee tajjajilla keennan, ogessota fayya,
hawwasuuma, seera ykn tajajiilla adda adda jirrataf kan keennan, yeroo barbaddanit jirattan
kun hayamma issa dhorgachuu ykn kassuu danda’aa.
Naminii Seeran Dhimma Kana Lalu Galme Mana
Fayatiff karra iti Qabachuu
Edoon tajjajila kennu kunif jiiratan hayamee, namoota seeran bakka bu’ee wanta barbachissa
ta’ee galmee fayya akkaqorratamu kangodhe jirrtan ykn bakka bu’aa seera, halla itiifuufun
seera kutta [MN] nanotiin.
Bilbiila
Jirrattan mirga sarrara wolqunamti telephonna halla amamnsissa ta’een argachuu qaba.
12
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
Qabeenya Dhuunfaa
1. Jiraatonni mirga qabeenya dhuunfaa ofi bira tursuu fi dhimmi itti bahuu qabu,
isaan kunis meesha mana ittin bareechan, uffannaa/huccuu akka lafti keeyatan jiraateti, isa
kana gochuun kan hin danda’amne yoo mirga ykn fayyumma fi nageenya jiraaatota biraa
hin tuqu ta’eedha.
2. Manni namoota dadhabo itti kunuunsan ykn fayyummaaf tajaajila Kennan bakka
waaaltefamaa ykn namooni dhuunfaan itti cufanii meshalee isanii gatii baasu akka hin
tuqamneti keeyachuu danda’an jiraatotaaf qopheesuun dirqiidha. Manni namoota dadhabo
itti kunuunsan ykn fayyummaaf tajaajila Kennan kun meeshaa hataman ykn badaniif gatii
isaa kafaluu ykn bakka buusuu hin danda’u ta’a, garuu hin dirqiisifaman.
Abba Warraa fi Haadha Warraa
Jiraatan mirga haadha warraa ykn abba warraa waliin kutaa tooko keessa jiraachuu qabu yoo
bakka jireenya tokko keessa jiraatan fi lachuu irratti walii galan.
Qoricha/Daawa Ofiin Fudhachuu
Jiraatan qoricha/daawaa ofiin fudhachuu ni danda’a ta’a yoo daawa fudhachuun jiraata kanaa
gurmuu kan to’ataniin akka dandamuu fi gaagaa’ama hin qabu jadhamee murta’e.
Kutaa Jijjirachuu Tokko Tokko Diduu
1. Jiraatan bakka jireenya kana keesatti mirga kutaa tokko kutaa biraati jijjiramuu diduu qaba,
yoo bakka bakkati jijjiraan kun:
A. Yoo bakka muuxanno wallansaa gaariin bakka jiru irraa bakka dandeeti walaansaa
gaariin hin jire ta’eti jijjiran ta’e, ykn
B. Jiraatan bakka jireenyaa namoota dadhaboo addaan qoodame irra bakka adaan
namoota tajaajila dandeeti itti kenamuti dabarfamuu.
2. Jiraatoti mirga isaanii kanatti dhimma ba’uun haala kana keesatti bakka tokko bakka biraati
jijjiramuu diduu ni danda’u inn kun karaa Midikerii fi Medikeedidi dantaa isaan argachuu
malan hambisuu hin danda’u.
13
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
Fudhatamuu, Dabarfamuu fi Baasuu
1. Baki jireenya kun jiraatoti mata mataan akka isaan baka jireenya kana turan heeyyamuun
dirqama bakka kanaa akka isaan bakka biraati hin dabarfmne ykn hin galfamne kan gochuun
danda’amuu:
A. Bakka biraati dabarfamuun ykn baasuu nageenya fi jiraatootaaf waan barbaachisu
bakka kanatti kennuun hin danda’amu yoo ta’e;
B. Bakka biraati dabarfamuun ykn baasuu yoo qajeelaadha fayyummaan jiraataa kanaa
akka gaariiti waya’ee tajaajili hin barbaachisu ta’e. Yoo nageenyi jiraatotaa gaaga’ama
irra jiraate;
C. Yoo nageenyi jiraatotaa bakka jireenyaa kanaa gaaga’ama irra hin ba’a ta’e;
D. Yo namonii ogeesoon fayya hubaatiif tokkof kan saxiillan ta’ee;
E. Yoo erga jiraatan kun bakka namooni dadhabooon itti gargaaraman kana erga galee
booda Medicadiin haayyamameef, bakki jireenya kun hanga Medikeedii jalati
hayyamamuu qofa kafalchiisu qaba, ykn
F. Yoo bakki jireenyaa kun cufame.
2. Bakki jireenya kun bakka biraati dabarsuu ykn baasuu dura kan gochuun irra jiraatu:
A. Jiraata fi yoo beekame maati ykn nama seeran jiraata bakka bu’eti sababa bakka biraati
dabarfamuu ykn basamuu jiraata kanaa barreefamaan akkasumas afaan hubachuu
danda’amuun beeksifamuu qaba.
B. Sababni isaas galmee fayyummaa jiraata keessati galma’a.
3. Beeksifni barreefamaan kennamu kun kan kanaan gaditti kana of keessaa qabaachuu qaba:
A. Sababa bakka birraati dabarfame ykn gadhiisame;
B. Bakka biraati dabarfamuun ykn gadhisamuun kun yoomi ka’ee hojii irra akka oolu;
C. Bakka jiraatan kun itti dabarfame ykn gaddhiisame;
D. Bareefama mirga jiraatan kun iyyanaa olii mootummaati dhiheefachuu danda’uu isaa;
E. Maqaa, teeso, Lk. bilbilaa mootummaa bakka yeroo dheeraaf itti tajaajilamaan
ilaalchisee rakkaina jiruu itti himatan (ombudsman);
F. Jiraatota bakka namooni dadhabii qaban itti gargaaraman keessa namooni hirina
guddina qaamaa qabaniif, teesoo fi Lak. Bilbilaa dhabilee itti gaafatama fi eegduu fi
namoota hirina guddina qamaa qabaniif warri falman; fi
G. Jiraatota bakka namooni dadhabii qabanii rakkina sammuu qaban teeso fi Lak. bilbilaa
dhabilee itti gaafatama eeguu fi falmaa namoota dhukkubi sammuu qabanii.
14
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
4. Yeroo iti beeksisuun ta’u.
A. Beeksisii bakka biraati dabarsuu ykn baasuu guyyaa 30 utuu bakka biraati hin dabarsin
ykn hin baasin ta’uun dirqama.
B. Yoo namnii tajaajilamu tokko iddo tajaajila kennu sana keessa guyyaa 30 hinjiraanne
ta'e beeksisii iddoo tajaajilaa sanaa baasuu yks iddoo biraatti geeddaruu hamma
danda'amutti akka qajeelcha 1 (A- F) kenname ta'uu qaba.
C. Bakki jireenya kun jiraatotaaf qophee fi hubannaaf yeroo ga’a akka sirnaaf nagaana
isanii eegamee bakka bakkati dabarfaman ykn bahan gochuuf.
5. Jiraatoti akkuma tasaa bakka biraati dabarfamuu ykn baafmuun dhorkaadha. Jiraatotaaf
beeksfini bakka biraati dabarfamuu ykn baafamuu sababa isaa waliin yoo xiqaate guyya 30
dura yoo bakkuma sana keesati kutaa jijjiru ta’e immoo guyya 7 dursee barreefmaan
kennamuu qaba. Beeksisi kun mirga jiraatotaa murtoo fudhatamuuf ka’e Kanaan
mormuu, teeso, Lak.bilbilaa mootummaa bakka yeroo dheeraaf itti tajaajilamaan
ilaalchisee rakkaina jiruu itti himatan (Ombudsman) akka Seera America
wara Duloomani ilaalchise kutaa 307(a) (12) keesatti tumame. Jiraatan mirgi kun itti
himame, yeroon beeksisa sana keesati lafa kaa’ame utuu hin dhumin bakka
biraati dabarfamuuf filachuu ni danda’a. yeroon beeksisa kana keessatti ka’ame kun yoo
haali isaa to’anaa bulchiinsa bakka namooni dadhaboon itti gargaaraman ykn bakka mana
boordii kunuunsi itti godhamu, kan akka akkataa dhimmi itti ba’an irratti gamaagamuun
kan hundeefamu, jairaataa haaraa fudhatameef kan barbaachisu gochuu, haali fayyumaa
ykn karoori walaansi fayyummaa jiraataa jijjiramuu, nageenya jiraataa Sanaa ykn jiraataa
biraaf, ykn bakka sana truuf kafaltii barbaachisu kafaluu hafuun yoo sagantaa uumataan
ykn sagantaa jiraataa sana tajaajiluuf kafluun hin dhorkamu ta’e, akka galmee fayyaa
nama Sanaa keessati galma’eti. Bakka namooni dadhaboon itti gargaaraman ykn bakka
mana boordii kunuunsi itti godhamu hanga danda’ameti utuu ramadii kutaa hin jeeqin
jiraatota haara simachuuf yaali gochuun irraa eegama.
Beeksisa Imaamata Siree Qabanii Tursuu fi
Deebisanii Fudhachuu
1. Utuu bakki namooni dadhaboon yeroo dheeraaf itti tajaajilaman jiraata hospitaalati
ykn jiraatan maati do’achuuf deemu, Bakki jireenya kun bareefamaan odeefannoo
jiraataaf kennu qaba:
A. Seeri akka karoora mootummati yeroon siree itti qabanii tursan, yoo jiraate, jiraatan
yeroo kana akka bakka namooni dadhaboon itti kunuusifaman kanati deebi’anii jiraatan
heeyamamaaf; fi
B. Seeri siree qabanii tursuu bakki namooni dadhaboon itti kunuunsifaman kun akka
jiraatoti deebi’an hayyamuu.
15
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
2. Yeroo jiraatan hospitaalatti dabarfamu ykn maati gafachuuf deemu, bakki namoota
dadhaboo itti kunuunsan kun barreefamaan seera yeroo hagamiif siree qabanii tursuu maati
ykn nama seeran bakka bu’eti kennu qaba.
3. Bakki namoota dadhaboo itti kunuunsan kun seera akkataa jiraatoni hosiptaala turanii ykn
maati bira dhaqanii yoo ogaa siree qabanii tursuu kennameef oli turan lafa keewatee
hordofuun dirqiidha; akka sireen argameen deebisee fudhachuun yoo jiraataan:
A. Tajaajila bakki kun kennu yoo barbaade; fi
B. Tajaajila Medikeedi bakka namooni dadhaboon itti kunuunsifamana argachuuf ga’a
yo ta’e.
Walqixa Kunuunsa Gaari Argachuu
Bakki jireenya kun imaamati walfakaatu bakkaa bakkati dabarsuu, baasuu ykn kunuunsuuf
tajaajila ada-addaa kennamu akka karoora mootummaati bakka maalaqi irra dhufu irrati utuu
hin hundaa’in akkaataa jiru irra oolchuu uumu qaba.
Sochii Dhorkamuu
Jiraatan mirga humnaan ykn keemikalaan adabiif ykn akka mija’uuf hinsosoone gochuu
irraa walaba ta’uu qaba akkasumas dhukkubii itti daga’amuuf walaansa gochuunis hin eegamu.
1. Jiraatoti ofdanda’anii bakka namoota dadhabii qaban itti kunuunsan keesa jiratan, maatiin
jiraataa ofhindandeenyee, seeraan akka to’atuuf nammi ramadame, eegdonni fi bakka
bu’aan walaansa fayyaa akka kutaa 145C.01, jallatti barreefametti dursa utuu humanaan
jiraataa walaanuu hin yaalin mirga gaafachuuf heeyyama kennuu qabu.
2. Ogaa humnaan walaansa gochuun warra bakka namoota dadhabii qaban itti kunuunsan
qaqabu, maatii, ykn nama seeran bakka bu’eti akkataa ittin walaanan biraan yoo jiraate fi
gaga’ama humnaan ta’achuun qabu hubachiisu qaba. Bakki namoota dadhaboo itti
kunuunsan kun kan inni humnaan to’atanii walaanuuti dhimmi bahuu danda’u yoo
nammi humnaan toa’achuu ajaje ajaja kana barreefman godhee itti malateese fi Dooktori
walaansa jiraataa knaaf godhu malatoo dhukubii fi haala kamiin jalatti humnaan toa’chuun
akka ta’u barreefaman ajaje qofaadha.
3. Bakki namoota dadhabii qaban itti kunuunsan akka buufata 2 jalatti caqasametti humnaan
to’achuuf dirqiin:
A. buufata Kanaan olii keessatti tartiibni lafa ka’ame hordofamuu isaa galmeesuu;
B. humanaan to’achuu jiraataa duuka bu’anii ilaaluu; fi
C. yeroo gara yerooti, jiraataa, maati fi doktoora duuka bu’ee walaanu mari’achuun haala
humnaan to’achuu jiraata kanaa gamaagamuu.
16
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
4. Bakki namooota dadhabii qaban itti kunuunsan akka toora kutaa kanaaf ka’ame jalati
caqasameti yoo humanaan to’achuu hayame adabii, adabii malaqaa, ykn qorqnoo
mootumaan ykn mootumaan walii gala taasise irra ga’u hin jiru. Kuta kana jalatti waanti
caqasame Komiishnarii fayyumaa fi nageenyaa jiraata eeguuf akka inni taarkanfii hin
fudhanne waanti dhorku hin jiru yoo:
A. yoo humanaan to’achuun fayyummaa fi nageenyaa jirtaa rakkina irra buusa yoo ta’e fi;
B. yoo bakki namoota dadhabaa itti kunuunsan kun fayyummaa fi nageenya jiraata tiksuuf
tarkanfii barbaachisu fudhachuu dadhabe.
5. Sababoota kutaa xiqa kanaaf, “malatoon dhkubii” kan inni dablatu:
A. gaagami jiraata kana irra hin ga’a jedhee yoo sodaate; fi
B. qaama fi nageenya sammuu isaatiif jirataan yoo beeksifate. Yoo jirataan
kun sababa malatoo dhukubbii isaaf nan kufa jedhee soda isaa himate.
Ajaji bareefamaan dooktora bakka kanaa nama Sanaa walaansa godhu irraa malatoo
rakkina fayyaa fi murtoon kenname raga ga’adha humnaan to’achuu taasisuuf.
6. Bakki namoota dadhabii qaban itti kunuunsan ulaagalee motummaan fi mootummaan walii
gala humnaan to’achuu ilaalchisee lafa kaa’e hordofuu isanii yeroo murteesu, komiishaniin
fayyaa waan dooktorii bakka kana walaansa kennu malatoo dhukubii barreesee ajaja
kenneen geegeeffama Jiraatoti ofdanda’anii bakka namoota dadhabii qaban itti kunuunsan
keesa jiratan, maatiin jiraataa ofhindandeenyee, seeraan akka to’atuuf nammi ramadame,
eegdonni fi bakka bu’aan walaansa fayyaa akka kutaa 145C.01, jallati barreefametti bakki
jireenya kun humnaan toa’achuu kan inni dhimmi itti ba’u nageenya jiraata knaa jabeesuuf.
Jireenya Gaarii
Bakki jireenya kun jiraatota isaa akkaataa bakki jireenyaa kun akka tureti itti fufu ykn irra caalaa
fooya’uti godhee kunuunsuu qaba.
Ulfina/Kabaja
Bakki jireenya kun akkaataa bakki jireenyaa kun akka tureti itti fufu ykn irra caalaa fooya’uti
godhee kunuunsuun ulfina fi kabaja guutuu jiraataaf akka nama tokkooti kennuu qaba.
17
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
Ofiin Murteesuu fi Hirmaannaa
JIraatan mirga:
1. Hojiiwwan, sagantaa, fi kunuunsa fayyaa akka fedha isaati, gamaagama, fi karoora walaansa
baasuu qaba;
2. Miseensota hawaasaa bakka jireenyaa kana jiraatan fi warra biraa wajjin wal quunnamuu; fi
3. Haala jireenya keeti ykn bakka jireenyaa kana keesatti jireenya keetii waan siif wayyu
filachuu.
Gareewwan jiraataa fi maatii keessatti hirmaachu
Jiraataan mirga kurfa’uu fi gareewwan bakka jireenya keesatti qooda fudhachuu qaba.
Waan gara-garaa keessati qooda fudhachuu
Mirgoota jiraattoota biraa keessa utuu hin galin, hojiiwwan hawaasummaa, amantii, fi gamtaa
keessatti qooda fudhachuudhaf mirga ni qabdu.
Waan Barbaadamu Dhiheesu
Yoo fayyyaan ykn nageenyi kee ykn kan jiraatoota biraa balaa irra bu’e malee, fedhii fi filannoo
keetiin waan si barbaachisu dhiheesu fi tajaajila argachuudhaf mirga ni qabda.
Dararama
1. Jiraatan mirga afan darbaa dubatamuu, gudeedamuu, miidhamuu, reebicha, doorsisisa
samuu dhiphisuu, fedha kee malee nama irra itifamuu sirra hin geenye ofirra
dhorkuu qabda.
2. Jiraatoti garmalee taasfamuu irra walaba ta’u qabu akka seera namoota ga’eesa
miidhaati saxlamani keesati caqasameti. “Garmalee taasifamuu” jechuun haala kutaaa
626.5572, kutaa xiqaa 15 keessati caqasame, ykn hata’u jedhanii fi yaadanii qaama nama
irra dhukubbii fi miidha geesisuu, ykn itti yaadun walirraa utuu hin kutin dhiphina samuu
ykn aarsuudha.
18
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
Komee
1. Jirataan mirga loogii fi aaloo ba’uu utuu irra hinga’in komee dhiheefachuu qaba. Komeen
kun akkata walaansa kennameef ykn kennamuun malu kan hinkennamin hafe; fi
2. Bakki jireenya kun komee jiraatan qabaachuu malu hiikuuf yaali inni godhu jajjabeesuu, inni
kunis amala jiraatota birras hin dabalata.
3. Akkataa komeen bakka jireenya kana ykn sgantaalee itti dhihaatu teeso,
Lak.bilbilaa mootummaa bakka yeroo dheeraaf itti tajaajilamaan ilaalchisee rakkaina jiruu
itti himatan (Ombudsman) akka Seera America wara Duloomani ilaalchise kutaa 307(a) (12)
keesatti tumame bakka argamutti maxanfamu/kaa’amuu qaba.
19
HEERRA BIYOOLESSA KAN MIRGA JIIRATOOT HEERA MIRGA JIIRATOOTA
KAN BIYOOLESSATIIFI KUTAA WALITII QABAN
BU’UURA ODEEFANOO KANA
(WAAJIIRA KOMII TAJJAJIILA FAYYA CAAQASSAN)
OFFICE OF HEALTH FACILITY COMPLAINTS
PO Box 64970
St. Paul, MN 55164-0970
(800) 369-7994 ykn (651) 201-4200 (nanooishii)
(QOORATA TAJJAJILLA YEROO DHEERA)
OMBUDSMAN FOR LONG-TERM CARE
PO Box 64971
St. Paul, MN 55164-0971
(800) 657-3591 ykn (651) 431-2555 (nanooishii)
(WAAJIRRA FAYYA MIINIISOOTA)
MINNESOTA DEPARTMENT OF HEALTH
(Kutta Toohanoo Fayya)
Health Regulation Division
PO Box 64900
St. Paul, MN 55164-0900
(651) 201-4101
(PROJECTII FAYYA HIRDHATTOTAAF MORMUUF)
THE DEVELOPMENTALLY DISABLED ADVOCACY PROJECT
(Projectii Seera Fayya Sammuu)
The Mental Health Law Project
430 First Avenue North, Suite 300
Minneapolis, MN 55401-1780
(800) 292-4150 ykn (612) 332-1441 (nanooishii)
(GULLALA TAJJAJIILLA HORDOFFIIFI QINDAWINNA)
SURVEILLANCE & INTEGRITY REVIEW SERVICES
(Kachachalla Qarqarssa Fayyatiif Hallamale Itii Dhimma Bahuu – dhimma kaffaltii)
(Medicaid Fraud and Abuse – payment issues)
(Wajiira Qarqarsssa Hawwasuuma Miniisoota)
Minnesota Department of Human Services
PO Box 64982
St. Paul, MN 55164-0982
(800) 657-3750 ykn (651) 431-2650 (nanooishii)
(Waajiita Fayya Miniisoota)
Minnesota Department of Health
Licensing and Certification
PO Box 64900, St. Paul, MN 55164
651-201-4101
[email protected]
www.health.mn.us
20
GUYYAA: December 4, 2015
Odeeffannoo kana bifa birootiin
argachuu yoo feete, lakkoofsa asii
gadii kananatti bilbili:
651 201-4101