Damee Fayyaa Minnesota Hagayya 2007 Qorannaa Didda Dawaa HIV fi Akaakuu Garjalee Qola Waan-Dugaa ka Maammilootaa ODEEFFANNOO MAAMMILAA Qollii odeeffannoo kun kan kee yoggaa ta’uu HIV’n didda dawaa inni qabu fi akaakuu jaleef sagantaa isaa ilaalchisee gaafiilee ati qabduuf deebii argachuuf ka si gargaaru dha. “Akaakuun Garjalee” HIV Maali? Akkuma vaayrasa dufkaka hamaa, toorrii HIV hedduu dha. Toorri HIV qubeedhaan adda baha. Fakkeenyaaf United States keessatti toorri baayyatu akaakuu jalee B dha. “Diddaan qorichaa HIV” Maali? Yeroo tokko tokko namn dooktorri qoricha ajajeef yoggaa qorichicha HIV san fudhatu HIV’n kun of jijjiiree dawaa sanaaf rincicaa ta’a. Yoo kun ta’e, qorichi kun vayirasa kana loluuf akka gaariitti hin hojjetu ta’a. HIV’n sun egaa didaa qorichaa ta’e jedhama. Diddaan qorichaa fi ilaaluun akaakuu garjalee akkamiin ta’a? Ilaalchi kun qicuma dhiigaa ka ati keessa-baruu morka qaamaa HIV’f laatte ykn akka amalaatti dooktora HIV ilaaluuf yoggaa dhaqxu ka ati laattu ta’uu ni danda’a. Qici dhiigichaa gama laaboraatorii Fayyuma Hawaasaa kan MDH tti ergamee qorannaan didda qorichaa fi akkaakuu garjalee godhama. Namni qorannaan HIV tahuuf hundi didda qorichaa fi akaakuu garjalee HIV laalus achumaan argataa? Miti. Yoo yoggaa HIV’f laalamtu san jiraachuunsaa barame akaakuu garjalee HIV baruuf vayrasichi immoo qorichatti rincicaa tahuu fi hin taaneen isaa akka laalamuuf carraa argatta. Laalchi lammataa kun tola. Dhiguma ati HIV’f laalamuuf duraan laatte santu laalama. Ka ati Didda qorichaa HIV fi akaakuu garjalee isaa baruuf sagantaa kana keessatti argattu yoo: • Baatii 12 dabre keessatti HIV’n yoo qabamte ta’e fi • Qoricha HIV hin fudhanne yoo ta’e Oromo Waa’ee kee ykn laalama HIV kee namuu ni baraa? Seerri Godina Minnesota laalama HIV fi odeeffannoo gargaarsa fayyumma keetii ka dhuunfaa kee godha. Dhuunfaa ykn icittii jechuun eenyullee waa’ee kee dubbachuuf hayyama hin qabuu ykn ati ykn dooktorri kee kopi baha laalama keetii hin gaafattan yoo tahe odeeffannoo hin kennu jechuu dha. Gaaffiileen hundi icittiitti eegamu. Nama seera icittii kana cabserra adaba guddaatu gaha. HIV’n rincicaa tahuu akkamiin barra? Ka ittiin HIV keessatti didda qorichaa ittiin laalan dooktoronni akaakuu qorannaa dhiigaa lama qabu. Qorannoonni kun laaboraatorii addaanii keessatti tahu. Akaakuu HIV dhiiga namaa keessatti argame qoricha ittiin lolan filachuuf dooktoroonni baha qorannaa kanatti fayyadamu. Dawaa HIV osoo hin fudhatin rincicaa HIV’n qabamuun ni danda’amaa? Eeyyee. Namni didaa qorichaa HIV’n qabamee jiru tokko, nama biraatti dabarsuu ni danda’a. Namni ati HIV irraa argatte didaa qorichaa qabaatte, didaan HIV sun sitti darbuu ni danda’a. Didaa qorichaa HIV fi akaakuu garjaleesaaf laalamuun maaliif barbaachisaa dha? Baha qorannaa keetii irratti hundaawee HIV ittiin waldhaanuuf dooktorri kee dawaa gaarii siif filuu ni danda’a. Namootni heduun yeroo akka HIV qaban baran HIV’n isaanii rincicaa waan hin tahiniif, qoranaanis mi’aa waan ta’eef yeroo heduu dooktoronni laalama kana nama HIV’n yeroo duraaf qabameef hin ajajan. Odeeffannoon sagantaa kanaa Minnesota keessatti kan babal’achaa jiru toora HIV kam akka tahe fi waldhaansi akkamii namoota as jiraataniif gaarii akka tahe baruuf MDH gargaara. Diddaan qorichaa HIV hagam akka tahe baruun fi akaakuu garjalee hawaasa keessa Qola Waan-Dugaa ka Maammilootaa Qorannaa Didda Dawaa HIV: Odeeffannoo Maammilaa - fulla 2 jiran hubachuun HIV ittisuu fi gargaarsa dawaa fooyyessuuf Minnesota keessatti ni gargaara. kennan gaaffii ati qabduuf deebii kennuuf ka danda’ani dha. HIV isa didaa dawaa fi akaakuu jalee baha qorannaa akkamiin argatta? Yoggaa baha qorannaa HIV kee fudhattutti gorsaa kee dhimma HIV tti himuun ykn dooktorri kee bikka kee ta’ee akka MDH quunnamu itti himuun worri qoricha siif kennan baha qorannaa didaa qorichaa fi akaakuu jalee akka argatan gochuu ni dandeessa. Bahi qorannaa didda dawaa kan inni hiikamu nama leenjisa dawaa qabu qofaan tahuu qaba. Yoo kopi baha kanaa ofii qabaachuu barbaadde, MDH dhaqxee kaardii eenyummaa itti agarsiisuu qabda. MDH quunnamuunis ka ati argattu: • Akkamitti akka itti baha qorannaa didda qorichaa HIV fi akaakuu jaleesaa ittiin argatu. • Waa’ee sagantichaaf gaaffii gaafachuuf. Dooktorri kee yoom baha qorannaa didda qorichaa HIV fi akaakuu jalee argata/tti? MDH qica dhiigaa erga argatee booda torban 3 hanga 4 keessatti bahi qorannaa keetii gama gargaarsa eegumsa fayyaa siif kennaniiti ergamuu ni danda’a. Yoo HIV’n ati qabdu didaa dawaati tahe qoricha HIV’n hin gargaaramtu jechuudhaa? HIV waldhaanuuf dawaa hedduutu jira. Yeroo tokko tokko dawaaleen HIV isa didaa qorichaa tahe iratti akka gaariitti yoo hin hojjetan illee tahe bu’aa waa ni qabaatu. Yoo HIV’n ati qabdu rincicaa dha ta’e, dooktorri kee dawaa biraa ka hojjetu siif fila/ti. Bahi qorannaa bilbilaan hin kennamu. Odeeffannoo quunnamtii kanaan gadii ilaali. Damee Fayyumaa Minnesota sagantaa Didda dawaa HIV fi akaakuu jaleesaa odeeffannoo caaluuf, kan irratti nu dubbistu: http://www.health.state.mn.us/divs/idepc/diseas es/hiv/hivstatistics.html Damee Fayyumaa Minnesota keessatti waa’ee sagantaa kanaaf namaa wajjin yoo dubbachuu feete ka ati bilbiltu 651-201-5414 (ykn karaa tolaa 1-877-676-5414 magaalaa alaa yoo bilbilteef). HIV akka qabdu yoo beektee jirta ta’ee qoricha fi tajaajila marabbaa ka argachuu dandeessu baruuf akka kanaan gadiitti nu quunnami: Projektii AIDS Minnesota TooraAIDS Magaala: (612) 373-AIDS ykn (612) 373-2465 TTY Tola: 1-800-248-AIDS ykn 1-888-820-2437 TTY http://www.mnaidsproject.org Yoo didaa qorichaa HIV fi akaakuu jalee isaa irratti qorannaaf gaaffi qabaatte eenyuun quunnamuu dandeessa? Ammas taanaan gara fuulduraatti laala didda dawaa dabalatee gaaffi HIV yoomillee gaafachuu ni dandeessa. Gorsaan kee ka qorannaa HIV ykn ka gargaarsa eegumsa fayyaa sii kennu gaaffiilee kee hedduuf deebii sii kennuu ni danda’u. Waldhaansa HIV irratti dooktorri kee ykn worri gargaarsa fayyaa siif HIV Surveillance Program P.O. Box 64975 St. Paul MN 55164-0975 651-201-5414, 800-657-3970 http://www.health.state.mn.us/divs/idepc/diseases/hiv/index.html
© Copyright 2026 Paperzz